1
BOQONNAA TOKKOO 1. Seensa 1.1. seenduubee Qorannichaa
Sirni gadaa duudhaa oromoo keessa isa tokko ta’ee kan uummanni oromoo waggaa saddet
saddeetin baallii wal harkaa fuudhuun ittin buluudha. Sabni oromoo itoophiyaa kessaatti saba
guddaa fi akka afrikaatti baay’ina dubbattootaan sadarkaa 3ffaa yoo ta’u, baay’inni ummata
oromoo tilmaamaan gara miliyoona soddomaatti kan dhiyaatuudha. Ummanni oromoo osoo sirni dimookiraasi biyyaa keenyatti hin seenin dura bifa diimookra
atawaa ta’een sirna gadaatin
fayyadamaa waliin bulchaa jiraachuun isaa ni beekama. Akkaa Alamaayyoon (1999:
39) “Gadaan sirna waan mara of keessatti qabuu fi jireenya oromoo kallatti maraan sakkatta’uudha. Kan
a jechuun gadaan dhimma siyaasaa, mootummaa,murtiifi k.k.f. of keessatti
qabata’’ jedha. Kanumatti dabaluun jechaa gadaa jedhuuf
hiikaa tokko fi wal fakkaataa
kennuun hin danda’amu; sirni gadaa akkaata
a ittiin bulmaata uummatoota oromoo keesaa isa tokko yo
mmuu ta’u gadaan oromoo waaggaa saddeeti
saddeetiin aangoo wal harkaa fuudha. Yaaduma kana deeggaruun Dirribin (2014:149) yoo ibsu, sirni gadaa qaroominaa fi guddina sanyii namaa karaa hawaasummaa, seenaa,isaa bara dheeraa keessatti argate,sirna raajiidha
’’
jedha. Gadaan wanna nama tokkoon yeroo tokkotti eegalame miti.Gadaan wanna irraa jala, yaalii fi muuxannoo bara dheeraa irraa walitti kuufamee guddateedha.Gadaan takkaa kufaa takkaa
ka’aa bara hedduu dabarseera.
1.2. Ka’umsa Qorannichaa
Sirni Gadaa ummata oromoo biratti beekkamtii guddaa kan qabuufi kabajamaadha.Sabni oromoo sabaafi sab-lammoota itoophiyaa kanneen lafa isaanii irratti hacuuccamaa turan keessaa isa tokkoodha.Asmaaroon (2006:
14) yoo ibsu “jijj
iiramni siyaasaa biyyaatti bara 1981 wal qabateee yaanniif
i mirgi afaanifi aadaa ofii guddifachuu seenaa ofii qorachuu kaka’uumsa gudda akka
argannu taasiseera” jedha.kanuma
irraa ka’uun waa’ee sirna gadaa hayyoonni hedduun qorannoo cimaa irratti adeemsisaa kan jiraniifi walaloolee waa’ee sirna gadaatiin walqabatanis
2
baay’een isaani waaj
jira aadaa fi turiiziimi oramiyatiin golgamamnii
jiru. Haa ta’u malee
walaloolee kunnin hedduun isaani immoo kanneen qorannoo irratti hin geggeeffamiini fi bifa barr
eeffamatin hin ka’aamin jiru.
Kanuma irraa ka’uun qorattuun walaloolee kanniin hamma
tokko qacceessuun bifa barreeffamaatin
akka ka’amuuf
. Kanaafu, qorannoon kun gaaffilee armaan gadiitiifi deebii kenna jedhama.
1.3. Gaaffilee Bu’uuraa
Walaloolee afoolaa sirna gadaa irratti jedhaman maal fa’i?
Walalooleen afoolaa kunniin dhaamsa maal of keessaa qabu?
Walalooleen kunniin yeroo akkamii jedhamuu?
Qabiyeewwan walaloolee afoolaa sirna gadaa
eenyuu fa’a
1.4. Kaayoo Qorannichaa 1.4.1. Kaayoo Gooroo
Qaaccessa walaloolee afoolaa sirna gadaa oromoo godina arsii lixaa aanaa shaashamannee irratti xiyyeeffata.
1.4.2. Kaayoo Gooree
Walaloolee afoolaa sirna gadaa irratti jedhaman ibsuu.
Dhamsaa afwalaloolee sirna gadaa keessatti jedhamanii ibsuu.
Yoomessa afwalaloolee sirna gadaa kana keessa jedhamanii ibsu.
Hiika qabiyyeewwaan walaloolee afoolaa sirna gadaa ibsuu
1.5. Barbachisummaa Qorannichaa
Namoota dhimma mataduree kanaan walfakkaatu irratti qorannoo gaggeessanniif akka
madda ragaatti tajaajiluu danda’a.
Qorannoon kun barreeffamaan walalooleen afoolaa sirna gadaa aadaa hawaasa badiif dagatamuuf akka hin saaxilamne gochuuf ni fayyada.
Afwalalooleen sirna gadaa keessatti jedhaman kunniin akka hin dagatamne gochuuf bifa
baarreeffamaatiin ka’uuf ni fayyada.
3
Namoota qorannoo mataduree kana irratti gaggeessaniif akka madda wabiiti fayyada
1.6. Daangaa Qorannichaa
Qorannoon kun Godina Arsii lixaa aanaa shaashamannee irratti kan adeemsifameedha.Aanaa shaashamannee gandoota (8) kan of keessaa qabua,
yoo ta’u walaloo s
irna gadaa gandoota kanniin hunda
keessatti jedhaman irratti qorannoon osoo geeggeeffame baay’ee gaarii ture. Haa ta’u malee sadarkaa kanatti haalaa kanaan qorannoo geggeessuun ulfaata waan
t
a’eef gando
ota jiran keessaa gandoota lama nati dhiyatan fudhachuun, Togaa fi waraansaa irrattii fudhadhee qorannoo geggesseera.
1.7. Hanqinaa qorannichaa
Qorannoo tokko gaggeessuu keessatti bu’a bayiin nama muudatan hedduudha. Kan jechuun bu’aa hojii sanaa argachuuf dhama’udha. Waan tokko hojjatan bu’aa argachuu keessatti
gufuun nama qunnamuu d
anda’a. Gufuu kanas cabsanii keessa darbuuf kutannoofi obsa
qabachuun barbaachisaadha. Haaluma kan hanqinoonni yeroo qorannoo kana adeemsiiftu
keessatti qorattuu muudatee keessaa akka ijootti kan ka’an kanneen armaan gadiiti;
-
Hanqina yeroo fi baajataa
Namootaa walaloolee sirna gadaa irratti dandeetti qaban bakka fi yeroo barbaadameeti dhabamu.
Kitaabileen walaloolee sirna gadaa irratti barreeffaman dhabamuu
Qorannoo kana gaggeessuun qorattuuf yeroo jalqab
aa waan ta’eef beekumsa
gahaa dhabuu
4
BOQONNAA LAMA
2 Sakatta’a Barruu
2.1 Maalummaa fooklorii
Hiika fooklorii namoota adda addaa biratti mormii kaasaa kan ture yoo ta`u ,hiikaa isaa jecha salphaa tokkoon kaa`uun hin danda`amne.Akka Fiqaadeen (1984:5) yoo ibsu :jecha fooklorii jedhu yeroo jalqabaatiif namni itti fayyadame namalammii ingilizii wiiliyaam joon jooms jedhuudha Fooklorii alidileen kan baramuu fi beekumsa waa`ee addunyaakan hin tane waa`eehawaasummaa ,amanttii, aadaa fi barsifataati. Innis kan ibsamukaraa jechaa,sirbaa ,duudhaa, gochaa, amantii meeshaleetiin. Akkasumaas waliin dubbii adeemsa jijjirama waa uumuu fi waliin qoodannu taasisa. Fookoloriin aadaa, amantaa, gocha, duudhaa,seenaa,taphoota,sirboota fi kan kana fakkataan hawaasa afaanii yookiin amaleeffanna dhaan namarraa gara namatti kan darbuudha. Kaa jechuun fooklooriin aadaa hawaasaa afaaniin yookiin amaleeffannan darbu waan ta`eef hawaasni jireenya isaa keessatti wanta barsiifata qaba. Kanumatti dabaluun
Encylopedia britanica (1993:493) yoo ibsu “fokolore is the
part of the culture, custam and belief of society that is based on popular tradition. It is produced by the
community and usually transmitted or all and by demonstration”jedha.
Akka yaada kanatti fooklooriin qaama aadaa hawaasummaa, duudhaa fi barsiifata hawaasummaa ta`anii dur irraa jalqabee dhalootatti kan darbaa dhufe kan ibsudha. Yeroo baay`ee afaaniifi gochaan kan daddarbuu fi maddi isaa hawaasa akka ta`e ibsa. Fooklooriin akkuma aadaa yaada bal `aa kan hammatu yoo ta`u isa maalummaa isaa gabaabsinee ilaaluuf fooklooriin kutaa aadaa keessaa qorannoo saayinsii irratti kan hin hundoofne argannoolee saayinsii fi tekinooloojjii kan hin hammanne ,dhalli namaa beekumsa muuxannoo isaa irraa argate irraa ka`uun wantoota tolchuu, hojjatuu, dubbatuu fi raawwatuu akkasumas bifa duudhaa ta`een kan rawwatuu fi kan dhaloota dhaalchisu qaama aadaati. World book volume 7 (1994:287) fooklooriin
yommuu ibsu”Folk any
of the belief custums and tradions that peoples pass on from generation to generation
” jedha. Yaada kana irraa kan